Programs
Kaayyoofi Duudhaa Paartii Badhaadhinaa
Paartiin hammattoon laalchaa biyya keenya ittiin hubatu akka waliigalaatti ciminoota turan itti fufsiisuufi hanqinoota turan immoo sirreessuudhan boqonnaa badhaadhina hunda galeessa banuudha. Hammattoon laalchaa kun lafa irratti akka bu’uuf gareewwan, gitawwan , eenyummaawwan, kkf adda addaa ilaalcha fiixee qabatan madaala eeganii akka socho’an ni taasisa. Sababa kanaanis leellisummaa garee fi kanneen diiganii ijaaran caalaa rakkoolee qabatamaa biyya keenyaa kan furu, uummata kan fayyadu, bu’aa waliigalteerratti kan xiyyeeffatu, akkasumas hirkattummaafi hidhaminsa laalchaa irraa bahee daandii walakkaa filannoo isaa godhata.
Tokkummaa Sabdaneessummaa
Kaayyoo gooroon paartii keenyaa tokkummaa sabdaneessummaa eeggate hawaasa siyaasaafi diinagdee tokkoo ijaaruudha. Sabdaneessuummaa hoo jennu eenyummaa sabummaa, amantii, yookin kan biroo kan hamate yookiin hawaasa eenyummaa tokkollee adda hinfoone jechuudha. Sabdaneessummaan paartii keenyaa hunda hammatummaan isaa, af-heddummaan isaafi hirmaachisummaadhan ibsamuu qaba jedhee paartiin keenya ni amana. Tokkummaan sabdaneessummaa heddoomina akka qabeenyaatti kan ilaalu saba , sabootaafi uummata hundaafuu beekamtii kan kennu , walitti hidhaminsa seenaa, walfakkeenya haala ammaa qabaniifi, abdiifi faayidaa waliin qabanirraa ka’uudhan gamtoomaafi waltumsa cimaa akka qabaachuu qabu duudhaa jedhuudha.
Kabajaa Lammiilee
Kabaja lammiilee jechuun biyyi isaanii Itiyoophiyaan kan kabachiisuufii qabdu lammummaa isaanitiin kabajaa argachuu qabaniifi biyya isaanitiin boonuuf haala dandeessisu jechuu keenya. Paartiin badhaadhinaa namni nama waan ta’eef qofa kabajamuu qaba jedhee amana. Lammiin haalli amantii, sabummaa, yookiin saalanis ta’ee qabeenyaan durummaafi hiyumni ilaalcha keessa osoo hingalin fedhiin bu’uuraa guutamuufii qaba. Ija tokkoon ilaallamuufi haqa argachuu qaba jennee amanna. Kanaafuu, kabajaa lammiilee hoo jennu biyya keenyaatti gareen kamuu yookin namni kamuu warra kaan irra fayyadamaa yookiin miidhamaa akka hintaane hojjechuu jechuudha.