Terms and Agreement
Dambii Ittiin Bulmaata Paartii Badhaadhinaa
Boqonnaa Tokko Tumaalee Waliigalaa Keewwata Tokko Mata Duree Gabaabaa Dambiin Itti bulmaataa kun “Dambii Ittiin Bulmaataa Paartii Badhaadhinaa (Bdhaadhina)” jedhamee waamamuu ni danda’a. Keewwata Lama Maqaa Paartichaa Maqaan waamama Paartichaa Paartii Badhaadhinaa “Badhaadhina” dha. Keewwata Sadii Asxaa Paartichaa 1) Haalluufi Teessuma Asxichaa • Teessoo geengoo adii keessatti gara jalaatiin fakkii harka namaa hammachuuf qophaa’e kan qabu, jiddugaleessatti fakkiin harka nama hammatuu fakkicha keessatti kan mul’atan namoota halluu adda addaa sadii qaban kan keessatti argamu dha. • Dabalataanis calaqqee ifaa keessaa alatti mul’atan keessa isaatti hammatee kan qabate dha. ....
DownloadSagantaa Paartii
1. Kaayyoofi Duudhaa Paartii Badhaadhinaa Paartiin hammattoon laalchaa biyya keenya ittiin hubatu akka waliigalaatti ciminoota turan itti fufsiisuufi hanqinoota turan immoo sirreessuudhan boqonnaa badhaadhina hunda galeessa banuudha. Hammattoon laalchaa kun lafa irratti akka bu’uuf gareewwan, gitawwan , eenyummaawwan, kkf adda addaa ilaalcha fiixee qabatan madaala eeganii akka socho’an ni taasisa. Sababa kanaanis leellisummaa garee fi kanneen diiganii ijaaran caalaa rakkoolee qabatamaa biyya keenyaa kan furu, uummata kan fayyadu, bu’aa waliigalteerratti kan xiyyeeffatu, akkasumas hirkattummaafi hidhaminsa laalchaa irraa bahee daandii walakkaa filannoo isaa godhata. ...
DownloadWixinee Qajeelfama Raawwachiisummaa Madaallii
Kutaa Tokko Walii Gala 1. Mata Duree gabaabaa Qajeelfamni kun “Qajeelfma Raawwachiisummaa Madaallii Hoggansaa paartii Badhaadhinaa Lak. 10/2015” jedhamee eeramuu danda’a. 2. Hiikkaa Hiikkaan jechichaa haala galumsaatiin hiikkaan biroo hoo kennameef malee qajeelfama kana keessatti: 1). “Hoggansa” jechuun miseensa paartii badhaadhinaa kan ta’aniifi paartiidhan mana hojii mootummaa keessatti yookiin waajjiraalee paartii keessatti muudamaan yookiin ramaddiidhan itti gaafatamummaan kan kennameef miseensota paartiiti. ..
Download